ONM-ABO Sadaasa 24, 2023
Murni bilxiginnaa waraana humnaa olii leenjisuun wal qabatee wanti kaffalamuuf dhabamuun yeroo ammaa dirqamaan hanga namoota dhuunfaa irraa qabee manni amantaallee osoo hin hafin uummata dirqamsiisanii maallaqa afaan qawwee of fuldura qabuun saamaa jiru.
Haaluma kanaan lixa Harargee aanaa Odaa Bultum magaalaa Burqaa dabalatee araddaa Haqa Baas ykn 32 fi Gaaleessaa ykn 31 keessatti maqaa gibira jedhuun Masjiida gandoota kanneen kana keessatti argaman Hunduma keessaa dirqamaan maallaqa 10000 tokko tokkoon Masjiida irraa akka kennan dirqama itti baasanii jiraachuutu dubbatama.
Uummannis nutuu osoo hin qabaatin Masjiida kana ijaarranne amma ammoo ofii keenyaafuu baayee rakkannee jirra kanaaf waan kaffallu hin qabnu yoo barbaaddan Masjiiduma kana buqqifadhaa jechuun akka deebisaniifis himu.
Akka maddeen jedhanittis yeroo hedduu maqaa adda addaa hawaasatti himuun maallaqa guuraa kan jiran ta’uu himuun, uummannis amma ofiifuu waan nyaatu dhabee rakkachaa jiras jedhaniiru.
