ONM-ABO Sadaasa 27, 2023
Miidhaalee jajjabaan karaa waraana gabroomsaa PP Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru Kan gita hin qabne yoo ta’u, ajjeechaan baatiilee darban irraa eegalee guutuu Oromiyaatti ta’aa jiru hammaan hedduu fi yakkoota ija addunyaa biratti jajjaboodha jedhaman keessaa warreen ijoo ta’aanii mul’ataniidha.
Bifuma kanaanis Sadaasa 26, 2023 waraanni koloneel Abiy Ayimad godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessaa namoota torba mana hidhaa keessaa baasuun bakkeewwan garaagaraatti ajjeesanii gatu jirattotni dubbatu.
Namoota ajjeefaman 4 Kan maqaan isaanii Raasimuu Hangaasuu, Huseen Bashir, Margaa Abdataa fi Maammush Geetahuun jedhaman ganda Makkanniisaa bakka addaa Gophoo jedhamutti Kan ajjeefaman yoo ta’u, namootni sadii maqaan isaanii hanga ammaatti hin beekamin jiran ammoo bulchiinsa magaalaa Nuunnuu keessatti ajjeefamuun baramera.
Namootni ajjeefaman gandoota akka Warra Baabboo, Gomboo fi Malkaa Nagaa keessaa kan qabaman yoo ta’u, namootni hedduun baatii lama dura ukkaamfamanii hanga ammaatti eessa akka geeffaman hin beekamnes jiraachuun beekamera.
Oduu hidhaatiin wal qabatuunis Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti maatii qabsaa’otaa fi namootni hedduun manneen hidhaatti hiraarfamaa jiraachuu maddeen yoo himan, Sadaasa 22, 2023 barsiisaa Wandimmuu Ta’eeraa fi Misgaanaa nama jedhaman dhimmaaf isin barbaanna jechuun bakka hojii isaaniitii qabuun yeroo ammaa magaalaa Sichaa’ootti hidhanii dararaa jiraachuun barameera.




