ONM-ABO Sadaasa 28, 2023
Seenaa Impaayerattii keessatti, sochiin mirga namoomaaf falmachuu kan eegale ilmaan Oromootiin yeroon isaa Kan bubbule yoo ta’u, qaxaleewwan ilmaan Oromoo sochii fincila harka duwwaa fi qawween wal simsiisuun impaayera Itoophiyaa diiguuf aarsaa gurguddaa baasuun qabsoo har’aa dhalootaan ga’aanii jiru.
Bifuma kanaan Jaallan Sagal Kan maqaan isaanii Ayimad Sanbataa, Mohammed Adam, Guddinaa Baabboo, Amiin Mohammed, Indiriyaas Ayimad, Yooseef Birruu, Eebbisaa Guddinaa, Asfawuu Imaanaa fi Gabbisaa Sandaabaa jedhaman Sadaasa 21,1995 lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Dangii bakka addaa Waloo jedhamutti lola yeroo dheera waraana sirna EPRDF waliin taasisaniin ganama hanga galgalatti lolaa turuun hanqina rasaasaa isaan mudateen bakka tokkotti sagal ta’aanii akka wareegaman galmeen seenaa uummata Oromoo ni yaadata.
Seenaan Jaallan kanaa kan dirree Shinniggaa waliin kan wal fakkaatu yoo ta’u, goototni Oromoo kunneen falma mirga hiree murteeffannaaf taasisaa turaniin gumaachaa lubbuu isaanii tokkitti aarsaa taasisan yeroo yaadannutti dhaadannoo fi cichoominaan isaan yaadachaa kaayyoo isaanii ceesisuufis kutannoon irratti hojjjenna jedhu Jaallan dirree irraa dubbisne.
Ilmaan cunqurfamoo sabaa fi sab-lammii Impaayerattii, gitaan wal barbaaduu fi hariiroo siyaasaa uummachuun dirree bilisaa irra namni kamuu haa jiraatuuf Kan wareegamaniidha, nus xurree isaanii milkeessuuf dhiigaaf lafeen irratti hirmaachaa jirra, wareegamni isaanii guca har’a nuuf saaqe, nus daran milkiin adeemaa jirra jechuun gootummaa isaanii ibsuun Kan yaadannuudha jechuun Jaallan guyyaa Yaadannoo kana irratti argamanis dubbachuu maddeen keenya ONMtti himan.





