• Tue. Apr 28th, 2026

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa  keessatti humnootni raayyaa ittisa impaayerattii 3 kan sabaan Oromoo ta’aan waraanuma sirnichaan ajjeefamuun dhaga’aame

Nov 29, 2023

ONM-ABO – Sadaasa 29, 2023

Waraanni impaayera Itoophiyaa loltoota yoo booji’e hunda ofiif gabroomfachuun mirga booji’amtoota kabajuu dadhabuun haalota hamaan ajjeesuu isaa taateewwan toora miidiyaa hawaasa irraa mul’ataa turan danuun Kan ifoomsan yoo ta’u, loltoota isaaf amanamanii hojjettanis sanyiin filee warreen Oromoo ta’e ajjeesuu jabeessee jira.

Akkuma kanaanis tarkaanfii torbee darbe godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa bulchiinsa magaalaa Cawwaaqaa keessatti gootichi waraana bilisummaa Oromoo humna waraana Abiy Ahimad mooraa magaalichaa buufattee jirtu irratti fudhateen hedduu du’aaf madoon Kan adabe yoo ta’u, loltuun tokko Kan sabaan Oromoo ta’e lola guyyaa sanaa keessa Kan ture, mudannoo lolicha irratti isa quunnameen sammuun darbuu maddeen keessoo isaanii dubbatu.

Lola guyyaa sanaa irratti foolii dhiigaa fi baay’ina namoota dhumanii argee kan rifate loltuun Kun, erga sammuun isaa darbees waraana bilisummaa Oromoo irraa na fageessaa jedhee iyyaa turuun Kan beekame yoo ta’u, ajajaan waraana PPs du’a itti murteessuun ajjeesuun isaanii beekameera.

Dabalataanis namootni miseensa raayyaa ittisa impaayerattii ta’aan lama maal balleesse maaliif ajjeestu yeroo jedhanitti ilaalcha sanyummaatti deebisuun lamaan isaaniis ajjeesuu maddeen himan.

Yeroo ammaas namootni sadanuu naannoo magaalaa Cawwaaqaa buufata 2ffa jedhamu ulaa masjiidaa biratti ajjeefamanii hanga ammaatti reeffi Kan hin kaanee fi amantootni rakkoo foolii badaa sanaaf mana amanta ol seenuu danqamuun maaf kaastanii hin awwaaltan jedhanii yeroo gaafatan abbootii amantiidhaanis isin ajjeesna jechuun doorsisaa jiraachuun beekamera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading