ONM-ABO Mudde 1, 2023
Oromiyaa bakkeewwan hedduutti ilmaan Oromoo gochaa isaanii malee manneen hidhaa garaagaraa keessatti haadha, abbaa fi ilmaan isaanii osoo hin hafne jumlaan guuramanii dararamaa jiru.
Haaluma kanaan baha Shaggar aanaa Boosaa ganda Daalotaa keessaa maanguddoo Hulluuqaa Lataa nama ganna 65 olii kan ta’e, sababa tokko malee Sadaasa 28, 2023 hidhattoota murna maafi’aa PPn qabamee hidhamuun dararamaa akka jiran jiraattotni dubbatu.
Akkasuma maatii isaa Mootii Hulluuqaa fi Nugusee Hulluuqaa kanneen jedhaman yeroo dheeraaf hidhanii dararaa akka jiran dubbachuun, dargaggootni kunneenis balleessaa tokko malee maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun yakkamanii akka hidhaman himu.
Isaan malee namoonni lakkoofsaan hedduu ta’aan mana hidhaa aanichaa keessatti hiraarfamaa akka jiran kaasuun manni hidhichaa guutuu irraan kan ka’e, bakkee keessatti aduuf qorraan waadamuu bira darbee dhukkubasataniis qoricha dhabuun haala ulfaataa keessa jirus jedhan.

