ONM-ABO Muddee 2, 2023
Akkuma kanaan kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti kaabinootni fi waraanni sirnichaa waliin ta’uun ummata waltajjii waamuun qeerroo fi qarree akkasuma maatii qabsaa’ootaa irratti tarkaanfii fudhachuu qabna jechuun jiruu uummata nagaatti hadheessaa turuun ni beekama.
Haaluma kanaan Sadaasa 29, 2023 irraa eegaluun walitti fufiinsaan hanga muddee 1, 2023 bulii sadii walirra hawaasa walga’ii baasuun ilmaan keessan bosona jiran galchaa jechuun guyyaa itti qabuun guyyaa 13 keessatti hin fiddan taanaan isinuma hiinaa fi isin ajjeefna akkasuma qabeenyaan keessanis ni saamama jechuun itti dhaadachaa jiraachuu maddeen himan.
Murni maatii qabsaa’ootaa fi sabboontoota Oromoo doorsisuun akka waan qabsoo Oromoo duubatti deebisuutti fudhate bilxiginnaan uummata qaala’iinsi jireenyaa mataa irra ba’uun waan qabu fi dhiisu wallaale gaafatama ilmaan isaanii itti deebisuun hiraarsaa jiraachuus uummanni dubbatu.
Doorsisni kun irra caalaa aanaa Daawwee Harawwaa fi magaalaa Caffaa Roobit keessatti kan hammate ta’uus himan.
Akka jiraattotni tokko tokko yaada isaanii ONM’f qoodan jedhanitti doorsisni karaa murna abbaa irreen nurratti adeemsifamaa jiru kan duubatti nu deebisu miti jechuun dhaamsa isaaniis dabarfatanii jiru.

