• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti qonnaan bultootni sadi waraana sirnichaan ajjeefaman

Dec 2, 2023

ONM-ABO Mudde 1, 2023

Ajjeechaan Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti bifa haaraan geggeefamaa jiru kan uummaticha lafa irraa fixuuf hojjatamaa jiruudha jedhu jiraattotni ONM dubbise tokko tokko.

Guyyaa dheengaddaa Sadaasa 29, 2023 kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti balleessaa isaanii malee qonnaan bultootni sadi hidhattoota Kolonel Abiy Ahimed uummata nagaatti bobbaseen ajjeefamaniiru.

Qonnaan bultootni kunneenis Xaafaa Jiruu, Caalaa Gooftaa fi Abdataa Kabbadaa kanneen jedhaman hoggaa ta’u, haala suukanneessaan ija maatii isaanii duratti isin deggartoota waraana Bilisummaa Oromooti jedhamuun akka ajjeefaman jiraattotni ollaa dubbatu.

Namootni ajjeefaman kunneenis namoota abbaa maatii ta’aanii fi hojii qonnaa irratti bobba’uun hojii idilee isaanii geggeeffatan malee hidhata siyaasa kamiyyuu akka hin qabne jiraattotni dabaluun dubbatan.

Yeroo ammaa uummatni mana amantaa keessaa baafamanii ajjeefamuu bira darbee manni amantaas kabaja dhabuun gubachaa jiraachuu taateen lixa Oromiyaa ona Gidaamiitti namootni sagal mana amantaa keessaa baafamanii ajjeefaman akka ragaatti ka’uu ni danda’a.

Leave a Reply