• Wed. Apr 29th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti ajjeechaa fi hidhaan hidhattoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jira

Dec 2, 2023

ONM-ABO Muddee 2, 2023

Yeroo dhihoo asitti Oromiyaa keessatti murni bilxiginnaa kaabinoota sadarkaa olii hanga gadiitti jiran mariisisaa turuun ni beekama.

Akkaatuma marii isaaniitiin hojiitti hiikuun maqaa waraana bilisummmaa Oromoo of dura qabanii ajjeechaa fi hidhaa namoota nagaa irratti raawwachaa jiru.

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti uummanni aanichaa baatiilee hedduuf dhibee busaan dararamaa uummata ture yoo ta’u, amma ammoo murni bilxiginnaa ajjeechaa fi hidhaa daangaa hin qabne bifa haaraan hawaasicha irratti geggeessaa jiru.

Haaluma kanaan murni PP ajjeechaa fi hidhaan akkuma itti fufeetti yemmuu ta’u, nama nagaa manaa ari’amee jireenya gadadoo jiraatu kan maqaan isaa Tasfaa jedhamu dheengadda jechuun gaafa Sadaasa 30, 2023 aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaa magaalaa Bobbeetti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiru.

Akka jiraattotni aanichaa jedhanitti aanicha keessatti nama 166 ffaatu ajjeefames jechuun, akkasuma  nama maqaan isaa Qaasim jedhamu kan dhaloonni isaa magaalaa Begii ta’e qabuun dararaa hamaa irraan ga’aa akka jiran jiraattonni nuuf heeranii jiru.

Hidhattootni sirnichaa gandoota keessa deemuun namoota nagaa mana hidhaatti funaanuun hidhaa kan jiran yoo ta’u gaafa Sadaasa 29, 2023 ganda  Waanjaa Cirrii keessaa namoota maqaan isaanii Jibriil Mahaammad Tawwaakkal Alii fi Raamadaan Qixxessaa irratti reebicha hamaa raawwatanii gara mooraa PP Qondaalaa geessuudhaan hidhaatti darbatanii jirus jedhan.

Akkasuma guyyaa kaleessaa jechuun muddee 1, 2023 aanuma Qondaalaa bulchiinsa magaalaa Liqixii bakka  Konsaa jedhamutti nama maqaan isaa Kamaal Aburee jedhamu qabatanii mooraa Kummiitti geessuu isaanii hawaasni dabaluun dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading