• Wed. Nov 25th, 2026

PPn Oromiyaa Galma Abbaa Gadaa Adaamaatti hojjettoota mootummaa waamuun dhimma mariin araaraa fashaluu irratti mariisisaa turuu maddeen keenya himan

Dec 2, 2023

ONM-ABO Mudde 1, 2023

Aangoo kennineefii jennaan araara didan jechuun qondaalli PP Adaamaatti haasaa taasisuu kan jalqabe yoo ta’u, aangoo siyaasaa kennineefii jennaan didanii INSA fi Logistics giddu galeessaa nu gaafatan jechuun hojjettoota mootummaa afaan faajjessuuf yaalaa turaniiru.

Haata’uutii garuu, hojjettootni mootummaa kora kanaaf Adaamaatti walitti qabaman kunneen gaaffii hin eegamin gaafachuun kora sana gara mormiitti deebisan.

Gaaffiilee gurguddoo gaafataman keessaa:-
– Finfinneetti hojjettoota akkuma kana walitti qabdanii akka turtan quba qabna, achi irratti aangoo nu gaafatanii jennaan araarri fashale jettani, asitti ammoo aangoo laanneefii itti quufuu dhabani jechaa jirtu. Miira hawaasaa ilaaltanii dubbii keessan fooyyeffataa deemtu moo inni dhugaan isa kami?
– Isaanuu isin duukaa araaramnee ni hojjenna erga jedhanii isin maal yaaddanii kana diddani?
– Bakka amma nu gaafatani jettan kana yoo dhugumaan gaafataniiru ta’e, Ormayyuu bakka sanatti amantanii hojjechiisaa jirtuwootii yoo kennitaniif rakkoon maali?
– Haala ammaa kanaan Shimallis Oromiyaa tasgabbeessuu waan dadhabeef, Oromiyaa RIBtti kennaa.
– WBOn magaalaa seenuuf gaafa jedhu waraanni keessan guyyaa meeqa dura dhaabbatee beeka? WBOn seenee waan fudhatu fudhatee erga deemeen booda lafa dhokatanii gadi yaa’anii uummata ajjeesaa hin jirani?
– Kan duraan Gujiifi Wallagga nuun jechaa turtan amma Sulultaafi Aqaaqii keessaa lolaa jira. Isin of baasuu ni dandeessu, nuuf Wabiin keenya eenyu?
fi kkf gaafachuun Galmicha marii irraa gara mormiitti jijjiiruun waliigaltee yaadaa irra otoo hin ga’iin faca’uu hirmaataan korichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Ilmaan Oromoo bosonaa lolaa jirtu jaalala Uummata Oromoo malee dantaa dhuunfaa kanneen akka aangoofi diinagdeen goyyomfamuu akka hin dandeenye mariin araaraa marsaa lamaanii ragaadha. Namoonni akka qaama 3ffaatti marii kana milkeessuuf gidduu turanis kanuma mirkaneessan.

Gaanfa Africa tti bakka bu’aan addaa America Maayik Hammer “isin warra aangoofi diinagdeen hin goyyomfamne ta’uu keessan hubadheera” jechuun dubbatee akka ture ni yaadatama.

Leave a Reply