• Fri. Nov 20th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo baha Oromiyaa Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti Cibraan Sooreessa Jaarraa Abbaa Gadaa tarkaanfii fudhachuu beeksise

Dec 4, 2023

ONM- ABO Muddee 4, 2023

Gootichi abdii sabaa waraanni bilisummaa Oromoo tarkaanfii diinaaf lukkeelee diinaa irratti fudhatu jabeessee itti fufuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti adabaa jira.

Haaluma kanaan jajjabeen abdii sabaa kan  diinaaf garaa hin laafne korommiiwwan baha Oromiyaa keessa socho’an Cibraan Sooreessa Jaarraa Abbaa Gadaa lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Heexoo keessatti tarkaanfii guyyaa dheengaddaa jechuun Muddee 2, 2023 fudhateen diina du’aaf madoon adabuu beeksise.

Lola kanaanis diina irraa 20 du’aan yoo adabu 13 madoo dandammii hin qabneen adabee jiraachuu fi meeshaalee diinaa hedduu dugda diinaa irraa hiikun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Lolli iree ofiin murteeffannaa uummata Oromoof taasifamu cimee itti fufa.

Oromiyaan ilmaan isheen ni bilisoomti!

Injifannoo uummata Oromoof.

Leave a Reply