• Tue. Nov 24th, 2026

Lolli guutuu Gaazaa keessatti yeroo adeemsifamaa jirutti Ameerikaan waraana dhaabuu UN’n dhiyaate mormuu  AFPn gabaase

Dec 9, 2023

ONM-ABO Mudde 9, 2023

Mootummootni Gamtooman Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf Jimaata kaleessaa waamichi addaa dhiyeesse  Ameerikaan mirga sagalee sagaleen kuffisu ishee fayyadamuun yoo kuffistu, humnoonni Israa’el haleellaa Hamaas ji’a lamaan dura lubbuu namoota hedduu galaafateef Hamaasiin balleessuuf haleellaa boqonnaa hin qabne itti fufaniiru.

Lola kanaan naannoo Falasxiin keessatti namoonni 17,487 kan du’an yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’uu lakkoofsi yeroo dhiyootti ministeera fayyaa Hamasiin geggeeffamu irraa argame ni mul’isa.

Israa’el haleellaa kanaan dura irratti hin ta’in kan Onkoloolessa 7 yeroo hidhattoonni Hamaas daangaa waraanaan guutame Gaazaa cabsanii namoota gara 1,200 ajjeesanii fi namoota booji’aman qabatanii irratti dhaadattee kan jirtu yoo ta’u, namoota booji’aman keessaa 138 ammayyuu Hamaas bira jiraachuu lakkoofsi Israa’el ni mul’isa.

Lafti bal’aan Gaazaa gara lafa duwwaatti deebi’eera. Mootummootni Gamtooman akka jedhutti, uummanni biyyattii gara dhibbeentaa 80 ta’u buqqa’eera, hanqinni nyaataa, boba’aa, bishaanii fi qorichaa hamaan mudateera, akkasumas balaan dhukkubaa dabalaa dhufeera jechuun dhaabbatichi ibse.

Barreessaan olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez Chaartara Mootummoota Gamtoomanii keewwata 99 kan darbee darbee itti fayyadamamutti dhimma ba’uun walgahii Mana Maree Nageenyaa hatattamaa waamuun saffisaan dhukaasni akka dhaabbatu gaafatan.

Namoonni booji’aman akka gadhiifaman gaafataniiru, garuu “gara jabummaan Hamaas raawwate adabbii waloo uummata Falasxiiniif gonkumaa sababa ta’uu hin danda’u” jedhan.

Garuu US gargaarsa waraanaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu Israa’eliif dhiyeessitu murtee kana kuffisteetti.

Mootummoota Gamtoomanitti itti aanaan bakka bu’aan ishee Roobart Wuud ”dhugaa jiru irraa adda ba’eera” jechuun murtiin kun ”lafa irratti lilmee fuulduratti hin tarkaanfachiisu” jedhan.

Dubbi himaan WHO Kiristaan ​​Liindmayer, ”Namoonni muka ibiddaan oo’ifachuuf ykn tarii nyaata bilcheessuuf utubaa bilbilaa jigsuu jalqabaniiru,” jedhan.

Doktooronni Daangaa Malee (MSF) Manni Maree Nageenyaa ”qalma namootaa itti fufee jiru keessatti hirmaannaa qaba” jedhan.

Haleellaan Gaazaa keessatti Israa’eliin kan itti fufe yoo ta’u, akka ministeerri fayyaa Hamaasitti naannoo magaalaa Gaazaatti namoonni 40 du’aniiru, Jabaliyaa fi magaalaa guddittii kibbaa Kaan Yuunis keessatti ammoo kurnan hedduun du’aniiru jechuun Dhaabbanni Oduu Ajaansi Firaans Pirees gabaaseera.

Leave a Reply