ONM-ABO Muddee 9, 2023
Mariin abbootii qabeenyaa ijoo boondii idil-addunyaa waliin biyyi Afrikaa Itoophiyaan Doolaara biiliyoona 1 irratti taasifte waliigaltee malee erga xumuramee booda, Itiyoophiyaan Jimaata kaleessaa liqaa dhabuudhaaf qarqara irra kan jirtu ta’u fakkaata jechuun Rooyiters gabaase.
Baasiiwwan weerara COVID fi waraanni biyya keessaa naannoo kaaba Tigraayitti dhiheenya kana xumurame, Itoophiyaan yeroo dheeraaf dinagdee Afrikaa abdachiisaa keessaa tokko ta’ee ilaalamtu, yeroo ammaa liqaa ishee kaffaluuf rakkachaa jirti.
Ministeerri faayinaansii Itiyoophiyaa “dhiibbaan alaa cimaa” dha jechuun kaffaltii dhala boondii doolaara miiliyoona 33 Mudde 11 kaffalamuu qabu kaffaluuf haala dansaa irra akka hin jirre abbootii boondiitti himeera yoo himu, kunis taatee kaffaltii dhabuu kan agarsiisu ta’uu ibseera.
“Waanti nama dhibu, yeroo gabaabaa mariin jalqabuu fi guyyaa kaffaltii dhala dhufu gidduutti waliigaltee… irra gahuun hin dandeenye,” jechuun ibsi ministeerri maallaqaa dabalee ifoomseera.
Ministeerri faayinaansii Ityoophiyaan ”abbootii Yuurooboondii ishee waliin walitti dhufeenya qabdu ni bal’isti” jechuun torbee dhufu waamicha taasisuun yaada liqaa kanaaf dhiyaachuu danda’u kaa’uu ibseera.
Marii abbootii boondii waliin taasifame irratti “yaada gurmaa’insa haaraa” akka ibse, achiis abbootii boondii irraa deebiin erga dhihaatee booda yaada dhumaa akka ibse dubbatan.
Kunis guyyaa kaffaltiin itti deebi’uu bara 2024 karoorfame duubatti dhiibuun, reetii kuuppoonii %6.625 irraa gara %5.5tti hir’isuu kanneen biroo of keessaa qaba.
Boondiin doolaara biiliyoona 1, Muddee 2024 kan qophaa’u yoo ta’u, naannoo saantima 61 doolaara irratti dhiyeessuun, bu’aa %66 argata jechuun Rooyiters gabaasa kaleessa qabatee ba’een ibseera.
