ONM-ABO Muddee 9, 2023
Gootichi Waraana Bilisumma Oromoo WBOn godina Baalee Lixaa aanaa Diinshoo keessa socho’u cibraan Madda Walaabuu humna diinaa maqaa sakkaattaa WBOn bobba’uun uummata nagaa hiraarsaa turan irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun injifannoon goolabee jira.
Kamisa dheengaddaa Muddee 07/2023 irree fi gaachanni uummata Oromoo jajjabeen diina hin dheessine WBOn aanaa Diinshoo keessatti humna riphee lolaa jechuun ofi tuttuuluun uummata nagaa hiraarsaa turan haxxee itti hidhuun rasaasa akka bakakkaatti itti buusee baruudaan macheessee dhukkuun makuun lafa irra ciciibsee jira.
Murataan sabaa jajjabeen Baddaa Baalee tarkaanfii kanaan loltoota PP 20 ajjeessuun 50 ol ammoo madoo dandammii hin qabneen adabeera.
Gama meeshaatiin qawwee AKM 8, SKS fi rasaasa irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisumma Oromoof galchee jira.
Waraana faashisticha Abiy Ahimed meeshaalee lolaaf barbaachisoo ta’an fudhachuun olii fi gadii fiffiigaa turan akka hantuuta tuullaa irraa diganitti rasaasa itti roobsuun boolla seenan dhabsiisee gara bakka irraa dhufan magaalaatti deebisee jira.
Gootichi Waraana Bilisumma Oromoo WBOn imala bilisumma milkeessuuf hanga guyyaa bilisummaatti tarkaanfii isaa addaan hin kutu jechuun ajajaan WBO zoonichaa beeksisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

