ONM-ABO Muddee 10,2023
Gootichi Waraana Bilisumma Oromoo waraana faashistii PP guyyaa kaleessaa Muddee 9 irraa qabuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii irraa ka’uun maqaa sakattaa WBOtiin bakka Xooxxii jedhamuu fi ganda Waabaa Eebbaa keessa olii fi gadi deemuun uummata goolaa turan har’a waaree dura toora sa’a 5:30 irratti haxxee itti hidhee rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
