• Wed. Nov 25th, 2026

Dooniin waraanaa Faransaay diroonii Yaman irraa dhufe lama rukutee kuffise

Dec 11, 2023

ONM ABO Muddee 11, 2023

Dooniin waraanaa Faransaay Galaana Diimaa keessa sochoou diroonii lama qarqara galaanaa Yaman irraa gara isheetti furguggifamte kuffisuu ministeerri ittisaa biyyattii Dilbata kaleessaa ibse.

Dooniin waraanaa faayidaa adda addaa laattu Languyedok diroonii jalqabaa naannoo sa’aatii 9:30 akka sa’a Faransaayiitti akkasumas kan lammaffaa immoo naannoo sa’aatii 11:30tti qarqara galaanaa Yaman irraa naannoo Al Hudaydah irraa KM 110 (maayila 68.35) fagaatee argamtutti rukutee buusuu dubbatan.

Huutiin Yaman Sanbata  darbe dooniiwwan gara Israa’el deeman hunda lammummaa isaanii osoo adda hin baasne  irratti akka xiyyeeffatu ibsuun, dhaabbileen doonii idil-addunyaa hundi buufata doonii Israa’el waliin akka hin hojjenne akeekkachiiseera.

Huutiin Iraaniin deggeraman dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaban hedduu Galaana Diimaa, daandii galaanaa Bab al-Mandab fi daandii galaanaa boba’aan addunyaa baay’een ittiin darbu irratti haleeluunii fi ugguruun ni beekama.

Rakkoo naannoo Galaana Diimaa kana irratti uumamaa jiru hanqisuuf Ameerikaan koree biyyootaa doonii geggeessu hundeessuuf sochii irra akka jirtu ibsitee turte.

Kana malees lola Israa’el fi Hamaas gidduutti deemaa jiruun wal qabatee deggersa Israa’eliif dooniiwwan waraanaa dabalataan gara Galaana Diimaatti geessaa jiraachuu Rooyiters fi Bloomberg dabalatee miidiyaaleen biroo gabaasaa jiru.

Leave a Reply