• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni faashistii PP jaalala Uummataa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo waliif qabu booressuuf shira hojjechuu itti fufan

Dec 11, 2023

ONM-ABO Muddee 11, 2023

Torbee darbe Muddee 3, 2023 godina Baalee Lixaa aanaa Gobbaa ganda Itittuu Suraa jedhamu keessatti dargaggoo loon warra isaaf tiksaa jiru irratti waraanni faashistii PP humnaan waan siyaasaa, seeraa abba irree PPn isa gaafachiisu irratti hojjechuun uummata biratti ittiin ololaa jiru.

Waraanni maafi’aa PP tooftaa ittiin uummatni isaan sodaatuu fi gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin balaaleffatu qofa tolfachuun irratti hojjechaa kan deeman yoo ta’u, dargaggoo kana harka isaa irratti waan qara qabuun ABO jechuun dhiigsanii barreessuufiin hawaasa keessattí WBOtu akkas godhe, isaan nama miidhu itti hin dhiyaatinaa jechuun hawaasa barsiifataa jira.

Kana malees isaan nama nyaatu, qabeenya namaa saamuu fi ijoollee Oromoo miti jechuun gocha isaanii malee qabsaa’ota bilisummaa fi walabummaa ittiin maqaa xureessuun bu’aa siyaasaa sharafatanii gadaa aangoo Abiy Ahimed dheeressuuf shira dalagaa jiraachuu maddeen himan.

Aanaa Gobbaa keessatti tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhataa jirutti rifachuun tumsa uummataa WBO irraa deebisuuf yaalus, qe’een Jeneraal Waaqoo Guutuuf jibbiinsa haftee impeeriyaalistoota irraa qabdu jabeessuun WBO cinaa dhaabbatee garbummaatti xumura gooti malee shira diinaan hin burjaajoftu jechuun maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply