Itoophiyaan kaffaltii dhala boondii doolaaraa Muddee 2024 kaleessa irraa qabuun kaffalamuu qabu irraa hafuun kàn mul’atu yoo ta’u, abbaa biyyummaa gabaa guddachaa jiruu keessatti biyya liqaa hin kaffalle isa dhumaa taateetti.
Ministeerri faayinaansii biyyattii Jimaata darbe akka jedhetti, sababni “ejjennoo alaa dadhabaa” biyyattiin qabdu irraa kan ka’e kuuppaniin doolaara miiliyoona 33 kana “kaffaluuf haalli mijaa’aa hin qabdu.” Itti dabaluudhaanis “mariin daangeffame” garee abbootii boondii waliin taasifame akka hin milkoofne ibseera.
Kufaatiin Itiyoophiyaa Zaambiyaa, Gaanaa fi Siriilaankaa dabalatee biyyoota guddachaa jiran kanneen waggoota darban keessa Yuurooboondii hin kaffalle keessaa tokko ni taasisa. Tuuniziyaa, Paakistaan fi Booliiviyaanis balaadhaaf saaxilamanii jiru.
Biyyi Gaanfa Afrikaa kun akka hin kaffalletti osoo hin ilaalamin dura guyyoota 14f yeroo dabalataa qabdi jedha piroospeektariin boondichaa.
Jimaata darbe abbootiin boondii akka gorsanitti, kuufamni sharafa alaa haalaan gadi bu’uun “dandeettii Ministeerri Maallaqaa liqii alaa dhihoo jiru tajaajiluu irratti dhiibbaa uumuun isaa waan hin oolle” jedhan.
Itoophiyaan dirqama ishee karaa Bu’uura Waloo Garee 20’n irra deebitee mari’achuuf kan barbaaddu yoo ta’u, Zaambiyaa fi Gaanaan liqaa isaanii irra deebiin gurmeessuu irratti guddina erga agarsiisaniin booda humna argachuu eegaleera. Sunis liqaa liqeessitoota mootummaa akkasumas dhuunfaa irraa bilisa ta’e qindoomina akka qabaatu, ulaagaalee wal’aansa liqaa akka kaa’amu taasisa.
Itiyoophiyaa keessatti bara 2021 irraa eegalee waraanni impaayerattii keessaa geggeeffamaa jiru miira invastarootaa kan gadi buusee fi guddina diinagdee dhabsiise irratti itti, ji’a darbe liqeessitoyoota lamaanii waliin waliigaltee bu’uuraa irra ga’uun gaafatamummaa ishee ba’achuuf yaaluun ishee ni yaadatama.
”Hanga sagantaa IMF fi waliigaltee itti fufiinsa liqaa jiraatutti gara fuulduraatti tarkaanfachuun rakkisaadha. Sababa kanaan dafee naannoo walakkeessa bara dhufuutti waliigaltee arguu qabna,” jedhan Kaan Nazli,, kan boondii Itoophiyaa qabatee jiru.
Mootummaan torban kana invastaroota addunyaa waamicha taasisuun “yaada Yuurooboondiin walqabate malu kaa’uuf” karoorfateera jedha ibsi ministeerichaa jechuun Bloomberg gabaasa dheeraa kaleessa qabatee ba’een addeesseera.
Mootummaan torban kana invastaroota addunyaa waamicha taasisuun “yaada Yuurooboondiin walqabate malu kaa’uuf” karoorfateera jedha ibsi ministeerichaa jechuun Bloomberg gabaasa dheeraa kaleessa qabatee ba’een addeesseera.



