ONM-ABO Mudde 15, 2023
Oolee bulee dibbee lolaa kan rukutu murni faashistii PP waraanaan olaantummaa siyaasaa argachuu fi gaanfa Afrikaa akkasumas Afrikaa irratti humna waraanaan sodaatameen addunyaa irratti sagalee argadhee hanqina dinagdee kiyyaa sodaachisaan guuttadhaaf waraanatti kan jiran, loltoota bifa haaraan leenjisuuf dargaggoota ukkaamsuu itti fufanii jiru.
Godina baha Harargee aanaa Abubakar Muxii ganda 13 keessatti raayyaa ittisa impaayerattiif namoota foona jechuun dheengadda Muddee 13, 2023 irraa eegaluun da’oo tolfatanii dargaggoota daandii gubbaa darban humnaan ukkaamsaa jiru.
Da’oo tolfatan keessatti waan akka fedhaan galmeessanitti agarsiisuuf yaalanis, gochoonni raawwachaa jiran garuu faallaa isaa, dargaggoota duraa fi duuba isaanii ilaaluun erga dhaabbachiisanii booda, seensisanii doorsisaan galmeessaa fi achii fuudhanii mooraa waraanaa keessatti walitti qabaa jiraachuun barameera.
Gochoonni kun aanaa Abubakar Muxii gandoota cufa keessatti raawwachaa jiraachuu maddeen himuun, sababa kanaafis namootni daandii gubbaa irra deemuu rakkatanii jiru jedhaniiru.
Haalotni wal fakkaatoon daandii gubbaa irratti da’oo ijaarrachuun caasaan bilxiginnaa dargaggoota leenjii waraanummaaf ukkaamsaa jiruu kun magaalaa Maayaa keessattis bifuma wal fakkaatuun jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.




