ONM -ABO muddee 16, 2023
Godina Arsii bahaa aanaa Asakoo keessatti hidhattoota garee maafi’aa PPn manneen nama nagaa gubachuu fi ajjeechaan hawaasicha irra ga’u daran hammaatee jira.
Guyyoota darban jechuun Muddee 11, 2023 aanaa Asakoo gandaa Diree Odaa jedhamtu keessatti manneen qonnaan bultoota 50 gubuuf namaa nagaa tokkoo ajjeessuu jiraattotin gandichaa dubbatan.
Namoota manneen irraa gubatan keessaa kan maqaa arganne;
1. Tolaa Huseen Agaatee
2. Gadaa Safaanoo
3. Kadiroo Jiloo
4. Hajii Hasan
5. Kadir Hasan
6. Hawaasoo Barisoo
7. Abbuu Gadaa
8. Jamaal Abdallaa
9. Hajii Jiloo
10. Ibroo Jiloo
11. Hasanoo Barisoo
12. Guutoo Badaa
13. Dittaa Badhasoo
14. Tolaa Guutoo
15. Badhaasoo Hasaanoo
16. Saadiq Amanoo
17. Mahaammad Amaanoo
18. Kadiir Sheek Mahaammud
19. Jamaal Hasaanoo
20. Jamaal Waqoo
21. Sulxaan Kushaa
22. Mahaammad Daadhii
23. Hajii Godaanaa
24. Hajii Huseen
25. Maammaa Ismaa’il
26. Idirisoo Elemoo
27. Maammaa Boruu
28. Huseen Kadiroo
29. Roobaa Jiloo
30. Huseen Kadiroo yoo ta’u, isaan kana malees kanneen biroo hedduun jiraachuun barameera.
Kana malees qeerroo maqaan isaa Tolaa Huseen Abdoo jedhamu ajjeessuun reeffa isaas awwaaluu dhorkuun hawaasichi yaaddoo keessa galee ture.
Godina Arsii bahaa aanota garaagaraa keessatti waraanni bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun dararaa himamee hin dhumne hawaasa irraa ga’aa kan jiruu fi hawaasni nagaan ba’ee galuun yaaddessaa ta’uu isaa irraan kan ka’ee qe’ee irraa qotatanii nyaatan gadhiisanii magaalaatti godaanii akka jiran odeessi jiraattota irraa arganne ni addeessa.


