• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni faashistii PP aanaa Dugdaa keessatti namoota 2 ajjeesuun tokko madeessan

Dec 18, 2023

ONM-ABO Mudde 18, 2023

Murni bilxiginnaa kufaa jiraachuu isaa mirkaneessuun ajjeechaa, saamicha, manneen uummataa gubuu akkasumas, uummata jumlaan ukkaamsuun adda waraanaatti erguu hojii idilee godhachuun uummatni manaa ba’ee gabaa, mana amantaa fi iddoo hojii isaa deemuuf danqamaa jira.

Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii ganda Daraaraa jedhamu keessatti waraanni faashistii PP Mudde 16, 2023 dargaggoo Qachaa Nagoo jedhamu ganama sa’a 12: 00tti rasaasaan rukutanii yoo ajjeesan, dargaggootni biroon fiiganii harkaa ba’an.

Dargaggoo Qachaan nama amala gaarii qabuu fi hawaasa biratti jaallatamu ta’us, sababa Oromoo ta’e qofaaf yakkamee ajjeefame.

Aanuma Dugdaa magaalaa Maqii ganda Waldaa Qaalinaa jedhamu keessatti ammoo kaleessa Mudde 17, 2023 namoota hojii dhuunfaa ooyiruu keessaa hojjechaa turan, rasaasa itti dhukaasuun, obbo Irgaa Shaanqoo abbaa ijoollee 6  yoo ajjeesan, dargaggoo Waldee Chokkol ammoo madeessuu maddeen gabaasaniiru.

Roorroo jaarraa tokkoo oliif nurratti hidda dheereffate kana tokkummaan kaanee of irraa darbuuf qabsoon furmaata kan jedhan maddeen, kana galmaan ga’uuf tokkummaan sabaa murteessaa dha jechuun dubbataniiru.

Leave a Reply