• Tue. Nov 24th, 2026

Ajjeechaa fi hidhaan baha wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti jiraattota irratti jabaatee jiraachuun beekame 

Dec 19, 2023

ONM-ABO Mudde 18, 2023

Fincilaa fi falma hiree murteeffannaa uummatni Oromoo gochaa turee fi itti jiru humna qawween dhaamsuuf mootoliin dhufaa darbaan sabicha irratti miidhaa qabeenyaa fi dhumaatii namaa Kan raawwatan yoo ta’u, gochi bara bulchiinsa bilxiginnaa keessa ta’aa jiru ammoo  hedduu rifaasisaa fi haalaan jabaatee itti fufee jira.

Mudde 16, 2023 aanaa Saasiggaa magaalaa Bareedaa keessatti waraanni PP mana uummataa deemuun hawaasa nagaa irratti dhukaasa bananii dargaggoota maqaan isaanii Gammachuu Girmaa fi Bultii jedhaman haala sukanneessaan yoo ajjeesan, haadha ilmaanii Kan taate nama maqaan ishee Isii jedhamtu rasaasaan rukutuun akka madeessan maddeen ONMtti himan.

Dabalataanis namoota torba qabuun gara aanaatti akka geessanis Kan beekame yoo ta’u, maqaan namoota hidhamanii jiranis Girmaa Barreessaa, Efreem Cawwaaqaa Ayyaanaa Buttaazee, Najjoo Aliyyii, Firoomsaa Bakrii fi Abdii Ayyaaloo  kanneen jedhaman qabuun bakka buufata isaanii naannoo 06 Faafaatee kan jedhamtu geessanii mooraatti dararaa akka Jiran barameera.

Leave a Reply