• Thu. Nov 26th, 2026

“Tarkaanfiin haala qilleensaa hunda keenya irraa eegala,” jedhu pirezidaantiin Walgahii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii  

Dec 19, 2023

ONM-ABO Mudde 18, 2023

“Tarkaanfiin haala qilleensaa hunda keenya irraa eegala,” jedhan pirezidaantiin Yaa’ii Waliigalaa  Mootummoota Gamtoomanii (UNGA) Deennis Firaansis gaaffii fi deebii dhiheenya kana Jiinuwaa waliin taasisaniin, namni hundi tattaaffii waloo haala qilleensaa tasgabbeessuu kanaaf gumaacha akka godhu dhaamaniiru.

Gaaffii fi deebii COP28, ykn walgahii 28ffaa Yaa’ii Dhaabbilee Konveenshinii Bu’uuraa Jijjiirama Qilleensaa UN  gaggeeffame irratti, Firaansis, mallattoo isaa “1.5 degree Celsius” kan guyyaa guyyaan waadaa isaanii yaadachiisu, uffachuun cimsanii kan dubbatan yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti itti gaafatamummaa waliinii addunyaan qabdu, “akkaataa jireenyaa fi amala” addunyaa irratti irra deebiin akka madaalamu gaafateera.

Itti gaafatamummaa haala qilleensaa bulchuu fi tasgabbeessuun mootummoota bira darbee damee dhuunfaa fi hawaasa naannoo dabalatee hawaasa guutuu kan hammate ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Gahee dameen dhuunfaa anniisaa maddisiisuu keessatti qabuu fi hawaasni maddoota anniisaa naannoodhaaf mijatoo ta’aan fudhachuu danda’u kan ibsan Firaansis, maddoonni anniisaa itti fufiinsa qaban baay’inaan argamuun isaanii haala jajjabeessaa ta’uu akeekaniiru.

“Guyyaa guyyaan maddeen baay’inaan toora interneetii irratti dhufaa jiru,” jechuun kan ilaalan yoo ta’u, jijjiirama addunyaa gara barmaatilee itti fufiinsa qabuutti taasifamu keessatti kallattii gaarii akka ta’e yaada dhiyeessan.

“Miidhaan pilaaneetii kanarra gahu umrii dheeraa qaroomina akka nuti beeknutti miidhaa geessisuu wajjin wal qixa ta’a,” jechuun akeekkachiisuun, haalli kun hammaataa ta’uu fi jijjiirama qilleensaa furuu keessatti hatattamaan fuula tokkummaa qabaachuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

“Furmaanni isaa daandii jijjiiruudha, sadarkaa guddina gadi lakkifamuu qilleensa keessaa hir’isuudha,” jechuun haala qilleensaa tasgabbeessuuf tarkaanfii amma jiru jijjiiruun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Deebiin jijjiirama qilleensaa fi bu’uurri tarkaanfii qilleensaa sadarkaa kaarboonii qilleensa keessa jiru hir’isuu irraa eegala,” jechuun pirezidaantiin Yaa’ii Waliigalaa UN kun mirkaneessaniiru.

COP28 kan Kibxata darbe Dubaayi, Yunaayitid Arab Emireet keessatti, rakkoo qilleensaa furuuf waliigaltee addaatiin xumurame irratti yaada kan kennan Firaansis, sanada bu’aa kanaa ifatti eeruun barbaachisummaa “ce’umsi anniisaa haayidirookaarboonii irratti hundaa’e irraa fagaachuu” jedhu irratti quufa qaban turtii Jiinuwaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

Leave a Reply