• Wed. Nov 25th, 2026

Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti hidhattootni murna bilxiginnaa gurra madaala hangaa akka uummatni wal hin daldalleef irraa guuruun beekame 

Dec 20, 2023

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Oromiyaa keessatti qabeenya hawaasni dafqa isaa itti lolaasee hojjetate sobanii ajandaa waraana bilisummaa Oromoo dura buusuun saamicha irratti raawwachuun hidhattoota PP biratti tooftaa isaanii isa jalaqabaati.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 19, 2023 godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Baha Biiftuu keessatti hidhattootni gandichatti bobbaafaman hawaasa wal irraa bitee gurguratu waraana bilisummaa Oromoof hojjettu jechuun gurra madaala hangaa namoota hedduu saamuu fi namoota hedduu irratti reebicha ulfaataa raawwachuun beekame.

Namoonnii qabeenyi isaanii saamamee kunneenis Hasan Qamar, Musxafaa Mussaa, Jamaal Mohaammad, Hajii Maloo Mohaammad, Mudassir Aadam, Jamaal Aliyyi, Jamaal Abraahim, Iliyaas Amad, Amad Abdullaa, Sulee Useen, Asharafaa Alii, Amad Mohaammad fi koomil Abraahim kanneen jedhaman ta’uus maddeen himaniiru.

Gurra madaala hangaa kanas uummanni dhaqee kadhatee maallaqa irratti kaffalee akka fudhatuuf tooftaa sanatti fayyadamus jedhaniiru.

Leave a Reply