ONM-ABO Muddee 19, 2023
Loltootni PP Lola jibba sanyummaa Mooraa isaanii keessatti deddeebi’ee mullatu dabalatee sadoo dhuunfaa isaaniif jecha Yeroo irraa gara yerootti walitti dhukaasanii wal ajjeesaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaanis Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii magaalaa Haratoo Mooraa waajjira poolisii keessatti eegdonni sirnichaa Mudde 17, 2023 halkan keessaa naannoo sa ‘a 3tti Dhukaasa wal irratti banuun ajjeechaa fi madoo wal irratti raawwachuu Maddeen magaalichaa dubbataniiru.
Dhukaasa hidhattootni sirnichaa wal irratti taasisan kanaan milishaan Geetut Fiqaaduu jedhamu battalumatti Lubbuu isaa Kan dhabe yoo ta’u, milishaan Caalii jedhamuu fi milishootni maqaan isaanii adda hin baane muraasnis madoo haala ulfaataan madaa’uun Hospitaala magaalichaa keessatti yaalamaa jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


