ONM-ABO Mudde 20, 2023
Aanaa Saasiggaa magaalaa bareedaa Keessatti kibxata kaleessaa Muddee 19, 2023 waraanni PP jiraattota magaalaa Bareedaa Kan ta’aan yakka tokko malee namoota 6 qe’ee fi maatii isaanii biraa qabuun miidha reebichaa erga irraan ga’aaniin booda gara mooraa waaraanaa buufata 06 bakka addaa Faafaatee jedhamutti hidhanii akka jiran beekame.
Sobaan Kan yakkaman jiraattonni kunneen waraana bilisummaa Oromoof meeshaa bituun nurratti tumsaa jirtu maqaa jedhuun akka hidhaman Kan himan maddeen, namoonni hidhaman kunneen tuttuqaa siyaasaa Kan hin qabnee fi guyyuu maatii isaanii jiraachisuuf hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uu malee qaama kamuu namoota deggeran miti jechuun hawaasni ollaa Kan dubbatan hogguu ta’u, maqaan namoota haala kanaan hidhamii jiranis muraaasni isaanii: Tashoomee Dhibbaa, Habtaamuu moosisaa, Daawwit Maammoo fi Hindhibuu Kifuu yoo ta’aan namoota lamaan hafan ammoo maqaa isaanii akkuma arganneen isin beeksisna.
Dabalataanis guyyuma kaleessaa magaalaa Bareedaa Keessatti Saamichi qabeenyaa Kan raawwatame yoo ta’u, mana aaddee Chuuchuu Gaarii waraanni gabroomfataan PP kunneen cabsanii itti ol seenuun faaya warqee gurraa mana isaanii Keessaa saamanii akka deeman maddeen Arraata Biyyoolessa oromiyaatti himaniiru.

