• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Wallagga Lixaa aanaa qondaalaa keessatti Saamichi namoota nagaa irratti jabaatee gaggeeffamaa jiraachuun beekame 

Dec 20, 2023

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Saamichi loltootni PP guyyaa irraa gara guyyaatti hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiran, qe’ee jiraattota hedduutti hiyyummaa fidaa, madda dinagdee hubuun dadhabbii fi dafqa namoota hedduu bishaan jige taasisee abdii kutannaan akka babaldhatu taasisaa jira.

Gochuma saamichaan walqabatuun Lixa Wallaggaa aanaa qondaalaa Ganda Geemii gaabbaa keessatti saamicha marsaa sadaffaaf hawaasa irratti taasisaniin Mudde 18, 2023 ganama toora sa’a 4tti hidhattootni PP qabeenya jiraattotaa qarshii 200,0000tti tilmaamamu fudhachuu Maddeen gabaasaniiru.

Gandicha keessatti namoota qabeenyi isaanii saamame keessaa Abirahaam Hakiimii qabeenyaan qarshii 30,000tti shallagamu kan jalaa fuudhame, Imraan Haarun, Raamadaan H/Adam, Abdoo Sh/Yaasin, Siraaj Hiikaa, Tashaaluu Yaadasaa, Ermiyaas Tasfaa fi Jiboo Sh/ Kadir kanneen maqaan nu ga’e yoo ta’u, isaan kanaan alattis namootni hedduun qabeenyi isaanii saamamee haala gaddisisaa keess jiran jiraachuus beeksisan.

Leave a Reply