• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Arsii bahaa aanaa Xiichoo keessatti namoota nagaa ajjeesuun manneenis guban

Dec 20, 2023

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Dheengadda Mudde 18, 2023 waraanni maafi’aa PP godina Arsii bahaa aanaa Xiichoo ganda Soolee Ol Iyyee keessatti manneen gubuun namoota nagaa 4 qabanii yoo deeman, halkan sa’a 2:00 irratti namoota sadii ajjeesuun tokko madeessan.

Guyyaa dheengaddaa waraanni Bilxiginnaa ganama barii toora sa’a 12:00n gandichatti bobba’e manneen sadii gubuun namoota akka Saanoo Bashir, Hasan Edoo fi Abdulsalaam Haajii yoo ajjeesan, Taajuu Abdallaa ammoo madeessaniiru.

Waraanni goolessaa PP kun guyyaa kaleessaas gara ganda Soolee Ol Iyyeetti deebi’uun manneen akka Haajoo Kadir, Huseen Kadir, Gaboo Kadiir, Amiinoo Nuuree, Muhaammad Haajii fi Sheek Kadir Roobaa jedhaman gubanii barbadeessan.

Waraanni Abiy Ahimed kan mataan isaanii Itoophiyaatti hin bu’inaa jedhee dhaadatu, lammiilee meeshaa maleeyyii qawween dura hin dhaabbannetti loltoota bobbaasuun ajjeechaa suukanneessaa,  saamichaa fi manneen gubuu godina Arsii bahaa aanaa Xiichoo kana keessatti hammeessuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply