• Tue. Nov 24th, 2026

AfDBn sababa haleellaan hojjettoota idil addunyaa isaa Itoophiyaa keessaa baasuuf

Dec 21, 2023

ONM-ABO Muddee 20, 2023

Baankiin Misooma Afrikaa (AfDB) haleellaa humnoota tikaa mootummaatiin hojjettoota isaa irratti raawwatame hordofuun hojjettoota idil-addunyaa isaa hunda ”hatattamaan” akka baasu dhaabbatichi beeksise.

AfDBn ji’a darbe aanga’oota Itoophiyaatti sababa Onkoloolessa 31 hojjettoota isaa lama irratti miidhaan qaamaa fi sa’a dheeraaf hidhamuu ‘ irratti raawwatameef himannaa idilee kan dhiyeesse yoo ta’u, dhimmichas taatee dippilomaasii baay’ee hamaa” jedheera.

Baankichi jilli sadarkaa olaanaa Sadaasa 22 gara magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneetti erguun mootummaa Itoophiyaa fi hojjettoota baankii waliin mari’achuu isaa ibsi Roobii ba’e ni mul’isa.

Madaallii jila kanaan haalli kun furmaata akka hin arganne ta’uu Pirezidaantiin AfDB Akinwumi Adeesinaa ibsa kennaniin ifoomsaniiru.

“Hojjettoonni Baankii Misooma Afrikaa hundi hojii isaanii bahachuu fi rakkina osoo hin sodaatin biyya keessa naanna’uuf nageenyi fi tasgabbiin akka itti dhaga’amus amantaa guutuu hin kennu,” jedhan.

Adeesinaan itti dabaluudhaan baankichi keessumaa mootummaan Itoophiyaa gabaasa ykn bal’ina qorannoo dhimmicha irratti gaggeeffame tokkollee qooduu dhabuu isaan yaaddoo guddaa akka qabu dubbataniiru.

Qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa gaaffii yaada kennuuf  Rooyitars Roobii dhiyeesseef irratti yaada hin kennine.

Yeroo himanni sirnaa ji’a darbe dhiyaatetti AfDB aangawoonni Itoophiyaa qorachuuf waadaa galaniiru kan jedhe yoo ta’u, ministirri faayinaansii mootummaa Itoophiyaa Iyyoob Takkaaliny ammoo mootummaan isaanii taatee kanaan akka gadde dubbatanii turan.

AfDB Itoophiyaa keessatti piroojektoota 22 kan of keessaa qabu yoo ta’u, hanga Fulbaana 30tti walumaa galatti piroojektoota Doolaara biiliyoona 1.24 akka ta’e ibsichaan beeksiseera. Waajjirri isaanii Finfinneetti argamu banaa ta’ee kan turu yoo ta’u, murtoon hojjettoota idil-addunyaa baasuu hojjettoota biyya keessaa qacaramanii irratti dhiibbaa hin geessisu.

Adeesinaan garuu hojiin baankichi itti fufuu fi gara fuulduraatti Itoophiyaa keessatti argamuun isaa ”taatichi guutummaatti yoo furmaata hin arganne dhiibbaa hamaa geessisuu danda’a” jedhan.

AfDB waa’ee taatee kanaa ifatti ibsa muraasa kenneera. Yaadannoo keessoo Adeesinaa irraa Kibxata  hojjettoota baankiitiif raabsaniin hojjettoonni akka baafaman isaan yoo beeksisan, murteen kun ”haleellaa humnoonni nageenyaa Itoophiyaa miseensota hojjettoota keenya idil-addunyaa lama irratti raawwataniin” kan walqabatuu dha jedhan.

“Addatti Onkoloolessa 31 bara 2023 hojjettoonni magaalaa Finfinnee keessa jiraatan lama seeraan ala to’annoo jala ooluu, miidhaan qaamaa irra ga’ee, sa’a  dheeraaf himata ykn ibsa seera qabeessaa malee hidhamaniiru,” jedha yaadannoo Rooyitars ilaale.

Leave a Reply