• Thu. Nov 26th, 2026

Aanaa Cawwaaqaa keessatti haadha tokko xiyyaara nama maleeyyii dirooniidhaan daa’imman ishee lama waliin yeroo darbe Sadaasa 23, 2023 madoofte murni PP qabee hidhuun dhaga’aame

Dec 22, 2023

ONM-ABO Muddee 22, 2023

Murni uummata Oromoo irraa jibbinsa sanyummaa qabu bilxiginnaan Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti xiyyaara nama maleeyyii diroonii fayyadamuun namoota gurmuun jiran irratti irra deddeebiin ajjeechaa raawwachaa Kan  ture, baatii darbe keessa godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti namoota baay’inni isaanii 75 ol ta’aan akka fixe gabaasne Kan turre yoo ta’u, yeroo ammaa namoota madoon hafanii yaalamuuf gara magaalaa deeman qabee hidhaa akka jirus beekamera.

Haadha daa’immaanii Kan taate aaddee Misiraa Yuusuuf Kan jedhamtu haleellaa qilleensarraa dirooniidhaan kan rukutamte daa’imman ishee lama Kan umuriin isaa waggaa jahaa maqaan isaa Raayyaa Jamaal jedhamu dabalatee daa’ima waggaa 1 kan ta’ee waliin qe’ee ishee biratti rukutamuun madoon akka haftee fi yaala ishee barbaachisuuf namootni gara mana yaala yeroo geessan osoo haati kun yaala hin argatin madoodhaan qabuun waraanni faashistii PP akka hidhantu himama.

Yeroo ammaas haalli fayyummaa aaddee Misiraa baay’ee Kan nama yaaddessuu fi qaamni ishee raammoo yaasuun hiraarfama guddaa argaa akka jirtuu fi qaamni isheef birmatu tokkollee Kan hin jirree hoggu ta’u, jireenyi ishee guutummaatti lubbuun hafuuf haala kanaan itti fufnaan nama yaachisa Kan jedhan jiraattota itti siqeenyaan rakkoo ishee argan ta’uun ifoomeera.

Leave a Reply