• Tue. Nov 24th, 2026

Kuufamni sharafaa alaa Paakistaan Doolara US miliyoona 136 gadi bu’e 

Dec 22, 2023

ONM-ABO Muddee 22,2023

Baankiin Mootummaa Paakistaan ​​Kamisa kaleessaa akka jedhetti kuufamni sharafa alaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 136n hir’achuu isaa ibse.

Torban Muddeen 15 xumurame keessatti kuufamni sharafa alaa waliigalaa baankichaa gara doolaara biiliyoona 6.9tti gadi bu’uu isaa Baankiin Mootummaa Paakistaan ibsa Kamisa halkan baaseen ibseera. Hir’inni kun kan mudate ”sababii deebii liqii irraa kan ka’e” ta’uu ibsichi ni mul’isa.

Kuufamni qulqulluun alaa baankota daldalaa qabate doolaara biiliyoona 5.2 akka ta’e dabalee addeesseera.
Kuufamni biyya alaa dhangala’aa waliigalaa biyyi Eeshiyaa Kibbaa qabdu kun gara doolaara biiliyoona 12.1 akka ta’e baankichi ifoomseera.

Oduma biyyoota Eeshiyaan wal qabatuun Paarlaamaan Kooriyaa Kibbaa Kamisa kaleessaa baajata bara dhufuuf qophaa’e kan raggaasise yoo ta’u, kunis woonii tiriliyoona 656.6 (Doolaara Ameerikaa biiliyoona 502.9) ta’a.

Paakeejiin baajata dhumaa yaada mootummaan dhiheesseen wal bira qabamee yoo ilaalamu woonii biiliyoona 300 (doolaara biiliyoona 229.8)’n kan gadi bu’e yoo ta’u, garuu baajata bara kanaa irraa dhibbeentaa 2.8 dabaleera jechuun Jiinuwaan gabaaseera.


Leave a Reply