ONM-ABO Muddee 26, 2023
Ajjeechaan seer malee hawaasa Oromoo irratti yeroo ammaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru kan uummaticha lafa irraa duguuguuf karoorfatamee hojjetamaa jiru yoo ta’u, ilmi namaas jiraachuuf wabii dhabuun guyyaa guyyaan akka baala harca’aa oola.
Obboo Bajigaa Hurrisaa Turaa lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Caancoo Qabbanaa’aatti kan dhalatee guddate yoo ta’u, nama ollaa isaa biratti kabajamaa fi akka jaarsa biyyaatti namoota wal dhaban walitti araarsuun kan beekamuu fi hidhattootni sirnichaa gaafa Muddee 22, 2023 magaalaa Shukutee irraa gara ganda sanaatti sochii taasisuun ajjeesuu jiraattotni himan.
Hidhattootni kunneen halkan gara ganda sanaatti imaluun akka nama yakka hojjeteetti mana isaatti marsanii buluun dhukaasa irratti banuu jiraattotni himan.
Hidhattootni kunneen maaliif akka barbaadan osoo itti hin himin dhukaasa irratti kan banan yoo ta’u, innis gama isaan meeshaa harkaa qabuun of irratti dhukaasaa turuun raayyaa ittisa impaayerattii 5 fi kaabinee tokko ajjeesuun, kaabinee Urgeessaa jedhamu ammoo madeessuun ofiifis akka ajjeefame himu.
Akka jiraattotni gandichaa jedhanitti balleessaa qabaatee osoo hin taane sababuma inni qawwee manaa qabuuf jecha adamsanii ajjeechaa kana irratti raawwatan jechuun miira aariin dubbatu.


