• Tue. Nov 24th, 2026

Chaayinaan saatalaayitoota 3 galaana irraa furguggifte

Dec 27, 2023

ONM-ABO Muddee 26, 2023

Chaayinaan Kibxata har’aa rookkeettii fe’umsaa Long March-11 gara hawaatti furguggisuun saatalaayitoota sadii gara orbiiti karoorfametti ergite.

Giddu-galli Saatalaayitii Taayiyuwaan rookkeettii kanaa Chaayinaa bulchiinsa Guyangdong irraa sa’a Beejiing 6:39 a.m.  irratti furguggiste.

Saatalaayitoonni Shiyaan-24C jedhaman kun irra caalaa yaalii saayinsii fi teeknooloojii hawaatiif kan oolu ta’a.
Ergama 503ffaa rookkeettii fe’umsaa Long March kan walduraa duubaan hojjetame ture.

Naannoo sanatti wal dorgommiin meeshaalee waraanaa, saatalaayitootaa fi Misaa’ela Baalistik furguggisu Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa, sochii humna waraana qindeessuu Jaappaan, Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa akkasumas fedhii dhabuu Chaayinaa Ameerikaan naannoo sanatti deddeebi’uu dabalatee yeroo adda addaatti dandeettii biyyoonni kunneen bu’aa teeknooloojii furguggisiisaan dabalaa jiraachuu gabaasni Jiinuwaan fi miidiyaalee biroo ni addeessa.



Leave a Reply