ONM-ABO Muddee 26, 2023
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun Muddee 20, 2023 Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu gandoota hedduu keessatti loltootni PP manneen namoota nagaatti ibidda kaa’anii gubuun, horii dabalatee qabeenya hedduu saamuu maddeen gabaasaniiru.
Namootni qabeenyaan jalaa saamameefi manni guutummaatti jalaa gubate: Taarikuu Indaaluu, Asfaw owwaataa fi Daamot Hundaasaa kanneen jedhaman ganda Hawaasii Giittan irraa, Taammanaa Lataa ganda Hoborraa komisi irraa, ganda Somboo sadan giittan irraa namoota maqaan isaanii adda hin ba’ini 3 jalaa akkasumas ganda Muraa Waaknii jedhamtu keessaa loltootni PP qabeenyaa namootaa mi’a mana keessaa waliin guutummaatti jalaa gubuun qabeenya isaaniis saamuu maddeen ifoomsaniiru.
Qabeenyaan namoota kana jalaa saamames loon, hoolaa, re’ee, bunaa fi midhaan gosa garaa garaa hedduumina qabu yoo ta’u, qabeenya jalaa saamame kanas waraanni sirnichaa gara magaalaa Warra Jirruutti fe’achuu dubbataniiru.
Dabalataan gandoota aanaa Lataa Sibuu keessaa ijoollota umuriin isaanii waraanaaf hin geenye Ganda tokko qofaa keessaa hanga namoota 25 qabuun dirqamaan fe’anii gara leenjii waraanaatti geessaa kan jiran yoo ta’u, Muddee 24, 2023 ganda Somboo Sadan giittan keessaa riphanii eeguun namoota 35 guyyaa tokkotti qabanii deemuu maddeen beeksisaniiru.

