• Wed. Nov 25th, 2026

Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum keessatti jiraataa tokko milishaan rasaasaan rukutuun yoo madeessu, aanaa Gammachiis Keessaa ammoo dirqiin dirree waraanaatti dargaggoota guuraa jiraachuun beekame 

Dec 27, 2023

ONM-ABO Muddee 26, 2023

Adeemsa qabsoo uummatni Oromoo geggeessaa jirutti gufuu ta’a jedhee yaadu hunda tarsiimoo dabaa qabatee guyyuu kan as ba’u murni bilxiginnaa, yeroo amma Oromoo, Oromoodhaan cabsuu yaada jedhu burqisiisuun Oromiyaa guutuu Keessaa saalaan osoo hin fo’in namoota dirqiin qabuun dirree waraanatti ergaa jiru.

Haaluma kanaan baha Oromiyaa godina Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum Keessaa Muddee 20, 2023 jiraattota ganda Laga Laaftoo fi ganda 03 milishootaa fi waraanni wal ta’uun dirqamaan gara mooraa waraanaa deemtu jechuun guuraa Kan turan yoo ta’u, namoota yaadicha fudhachuu didan rasaasaan rukutuunii fi gariin ammoo reebaa  turuun, guyyuma sana obbo Daawud Taaddasaa abbaa ilmaan 4 Kan ta’e rasaasaan rukutuun akka maddeessan ifoomeera.

Dabalataanis lixuma Harargee aanaa Gammachiis Keessaa torban darbe irraa kaasee guyyaa guyyaan namoota ukkaamsaa akka jiran Kan himan jiraattotni, lolli impaayerichaa nun ilaalatu Kan jedhan dargaggootni kunneen Oromoo ajjeesuu irra of ajjeesuu filanna jechuun konkolaataa irraa of darbuun Kan miidhaman danuu Kan ta’aanii fi dargaggootni hedduun ammoo nyaataa fi dhugaatii tokko malee jalaa dheessuun bosona keessatti rakkoo argaa akka jiran jiraattotni himaniiru.



Leave a Reply