• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti hidhaan namoota nagaa irratti murna bilxiginnaan jabaatee jiraachuu maddeen ONMtti himan

Dec 27, 2023

ONM-ABO Muddee 27, 2023

Cunqursaa uummata Oromootti dhufe irraa qolachuuf waraanni bilisummaa Oromoo qabsoo jabaatti kan jiru yoo ta’u, murni maafi’aa pp ammoo waraana bilisummaa Oromoo da’oo godhachuun uummata ajjeesaa, saamaa, hidhaa fi qe’ee irraa buqqisaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhaan murna faashistii ppn jiraattota irratti jabaatee jiraachuu kan dubbatan maddeen gaafa Muddee 23, 2023 caasaan murna bilxiginnaa gandaa uummataa bakka Burqaa jedhamutti namoota 5 qabuun hidhan.

Akka jiraattotani jedhanitti waraanni sirnichaa ganda Burqaa jedhamutti barii barraaqaan qe’ee hawaasaatti marsuun namoota hojii isaanii hojjechuun maatii isaanii jiraachifachaa jiran akkasumas siyaasa irraa bilisa ta’an maqaa deggartoota WBOti jedhuun Muddee 23, 2023 hidhaatti kan darbatan yoo ta’u isaan keessaa kan maqaan nu ga’e, Kamaal Ahimed, Ahimed Abduu, Mohammeed Xiqqoo kanneen jedhamaniidha.

Namootni qabaman kunneen abbootii maatii ta’uu kan heeran maddeen isaanis badii qabaatanii otoo hin taane sobaan akka yakkamanis maddeen dabaluun ONMtti himan.

Leave a Reply