• Tue. Nov 24th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti qabeenya nama tokkoo saamuu fi gubuun barbaadeessan

Dec 27, 2023

ONM-ABO Muddee 27, 2023

Oromiyaa keessatti yeroo ammaa duula ajjeechaa, saamicha, hidhaa, fi gubaatii manneen namootaa irratti xiyyeeffachuun guyyuu gochoota uummata rifaasisanii fi hiyyummaatti isaan hambisu raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Hawaash Faltee iddoo addaa Garbiyaa jedhamutti guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 26, 2023  waraanni goolessaan PP gara ganda sanaatti imaluun obboo Masfinee Masrashaa jedhamu jalaa midhaan, saawwa fi wantoota akka maallaqaa jalaa saamanii konkolaataatti fe’atanii deemun manneen isaa ammoo gubuun barbadeessanii jiraachuu maddeen garasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Namni kun nama hojii qonnaa irratti bobbaa’uun jiraatu yoo ta’u maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggartu jedhuun akka manneen isaa kun jalaa gubatee barbaada’es dubbatu.

Leave a Reply