• Wed. Nov 25th, 2026

Obomboleettiin hamaan baha Awustiraaliyaa rukutee yoo xiqqaate namoonni sagal du’an

Dec 27, 2023

ONM-ABO Muddee 27, 2023

Yeroo Ayyaana dhaloota Yesuus Kiristoos ayyaaneffatamaa jiru kanatti  obomboleettiin hamaa kutaalee baha Awustiraaliyaa rukutee mukkeen fi sarara humnaa kuffisee maatii kuma kudhaniin lakkaa’aman humna ibsaa dhabsiisuun yoo xiqqaate namoonni sagal du’an.

Poolisiin fi tajaajilli baraarsaa kutaalee biyyaa Viiktooriyaa fi Ku’iinsilaad du’uu namoota saddeet mirkaneessuun daa’imni intala ganna sagal kan qarqara magaalaa guddoo Kuwiinslaand Birisbaan keessatti bishaan obomboleettii lola’een akka fudhatamte  himameera.

Magaalattii irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 180 fagaattee kan argamtu Jiimpiitti, bishaan lolaa magaalaa baadiyyaa keessaa  dhangalaʼuun, dubartoonni sadii gara boolla lolaa keessaatti kufuun fudhatamaniiru.

Isaan keessaa tokko lubbuun kan hafte yoo ta’u, kanneen biroo lamaan garuu du’anii argaman.

“Yeroo ayyaana kanatti maatii naannoo kanaaf oduu gaddisiisaa ta’eera,” jechuun kantiibaan magaalaa Jiimpii Gileen Haartwig ABC News’tti himaniiru.

Mudde 25 fi Mudde 26 qarqara baha biyyattii irratti obomboleettiin cimaan kan mudate yoo ta’u, dhagaa bokkaa gurguddaa, qilleensa cimaan fi rooba cimaa fideera. Laggeen lola’anii qilleensi mataa manneenii irraa kaasee muka kuffisuun naannichatti miidhaa qaqqabsiiseera.

Namoonni 11 kibba Kuwiinslaandiitti kan argamu Mooretoon Baay keessatti bidiruun isaanii galaana keessatti garagaltee galaana keessatti darbataman. Poolisiin Roobii har’aa  akka jedhetti namoonni sadii bishaaniin liqimfaman, saddeet ammoo bishaan keessaa baraaramanii haala nagaa  ta’een gara hospitaalaatti geeffamaniiru.

“Sababa haala qilleensaatiin sa’aatiin 24 baay’ee gaddisiisaa ta’eera,” jechuun Komishinarri Poolisii Kuwiinslaand Katariinaa Kaaroll gaazexeessitootaaf ibsaniiru.

Biiroon Meetirooloojii naannoleen qarqara galaanaa Kuwiinslaand ammallee balaa obomboleettii “balaafamaa” akkasumas lolaa “lubbuu balaadhaaf saaxilu”, bokkaa “guddaa” fi qilleensa “miidhaa” geessisuuf akka saaxilaman akeekkachiiseera.
Dhaabbanni humna elektiriikaa Kuwiinslaand Inerjeksi akka jedhetti obomboleettiin kun sarara humna elektiriikaa 1,000 ol kan kuffise yoo ta’u, maatiin gara 86,000 ta’an ibsaa malee hafaniiru jechuun Aljazeeraan gabaasee jira.

Leave a Reply