ONM-ABO Muddee 29, 2023
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo duula duguuggaa sanyii murni faashistii PP geggeessaa jiru qolachuuf tarkaanfii waraana maafi’aa PP irratti fudhachaa jiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.
Akka kanaanis abdiin sabaa WBOn ganama har’aa sa’a 12:00 irratti tarkaanfii laalessaa loltoota bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo bulchiinsa magaalaa Dullii irratti fudhateen du’aa fi madoon adabee magaalattii keessaa buqqisuun gara magaalaa Dambii Doollootti ari’ee galchaa jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
