• Tue. Apr 28th, 2026

Waliigaltee Siriilaankaan IMF waliin qabdu waggoota 4f akka itti fufu bulchaan baankii giddugaleessaa biyyattii ibse

Dec 30, 2023

ONM- ABO Muddee 30, 2023

Bulchaan giddu galeessaa waliigalteen Siriilaankaan Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) waliin qabdu waggoota afran dhufaniif itti fufa jechuun Jimaata kaleessaa.

Bulchaan Baankii Giddugaleessaa Siriilaankaa Nandalaal Weerasinghe ibsa gaazexeessitootaaf magaalaa guddittii biyyichaa Kolombootti kennaniin akka jedhanitti, itti fufiinsa waliigaltee Extended Fund Facility (EFF) IMF waliin taasifameen, hir’ina liqaa fi deeggarsa maallaqaa idil-addunyaa barbaachisu argachuuf barbaachisaa dha.

Weerasinghe waliigaltee IMF-EFF keessaa gama tokkoon bahuun dhiibbaa hamaa akka fidu akeekkachiiseera.

Ji’a Bitootessaa bara kanaa IMF imaammata dinagdee fi haaromsa Siriilaankaa deggaruuf qophii dheereffame ji’oota 48f EFF jalatti gara doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 raggaasiseera jechuun Dhaabbanni Oduu Chaayinaa Jiinuwaan Kolomboo irraa gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading