• Wed. Nov 25th, 2026

Cuunfaa Tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa

Jan 1, 2024

ONM-ABO Amajjii 1, 2024 

Korommiiwwan sabaa WBOn  Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa fi Lixaa keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 31/2023 kabaja ayyaana Amajjii 1 sababeeffachuun jala bultii kabajuuf  akkuma abboota isaa irraa dhaaletti diina firfirsaa ooluun har’a seenaa durii yaadachaa injifannoo isaan dhaadatee kallattii kaa’achaa ture.

Dilbata kaleessaa lola godinoota lamaan Arsii bahaa aanaa Siirkaa fi aanaa Muneessaa keessatti guyyaa guutuu diina haleelaa kan oolan yoo ta’u, godina Arsii lixaa aanaa Heeban Arsii keessattis lola geggeeffamaa ooleen loltoota diinaa 110 irraa ajjeesuun 80 madoo dandammii hin qabneen adabee meeshaalee hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply