• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Harargee lixaa aanaa Mi’eessoo keessatti poolisii idilee sirnichaan namni lama bajaajii keessaa buufamuun yoo ajjeefamuu shamareen tokko madaa’uu jiraattotni himan 

Jan 2, 2024

ONM-ABO Amajjii 2, 2024

Waraanni ajaja fi caasaa hin qabne Oromiyaa keessatti magaalaa hanga baadiyyaatti deemun akkuma barbaadanitti lubbuun namaa hanga kan bineensaayyuu kabaja dhabsiisuuni fi marartee ilmi namaaf waliif qabu baroota kana keessa dhabamuun guyyuu dhiigni namootaa dhangala’aa oola.

Harargee lixaa magaalaa Mi’eessoo keessatti dheengadda Muddee 31, 2023 namoonni osoo bajaajii yaabanii deemaa jiranii miseensi poolisii idilee tokko sababa tokko malee dhukaasa itti banuun lubbuu namoota lamaa yoo galafatu shamarreen tokko ammoo madooftee hospitaala magaalaa Cirootti yaalamaa jiraachuu maddeen magaalichaa ONMtti himan.

Riyaad Jaabir kan jedhamu abbaa ilmaan sadii osoo waan hirbaataa maatii isaaf bitee galaa jiruu akka fi akka maleetti hirbaata rasaasa godhan jedhu.

Akkasuma barataa kutaa 9 baratu tokkos walumaan kan ajjeefamedha jechuun, namoota nagaa yakka tokko hin qabaanne karaatti hambisuun aadaa hidhattoota Kolonel Abiy Ahimed ta’uunis kan beekamuudha.

Leave a Reply