ONM- ABO Amajjii 3, 3024
Sirni roorrisaan humnaan Uummata Oromootti roorrisu, uummaticha sodaa du’aa akkasumas beelaafi dheebuu harka kennachiisuuf dararaa ilmaan namaaf hin malle Uummata Oromoo irratti raawwataa kan jiru yoo ta’u, Amajji 1, 2024 baha Wallaggaa aanaa Limmuu keessatti manneen qonnaan bultootaa guggubaa turaniiru.
Aanaa Limmuu ganda Malkalamii araddaa Maggiboo jedhamu keessatti mana Obbo Margaa Dheeressaa, Obbo Magarsaa Raggaasaa, Obbo Dassaalee Irranaa, fi kanneen maqaa hin argatiinis heedduun akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.
Akka maddeen keenya jedhanitti, manneen gubatan kunneen qabeenyaa mana keessaa guutuu waliin kan gubate yoo ta’u, WBO waliin hariiroo qabdu jechuun qabeenyaa irraa barbadeessuun maatii heedduu mana maleeyyii taasisaniiru jedhaniiru.


