• Wed. Nov 25th, 2026

Kaaba Shaggar aana aanaa Dagam keessatti namoonni hedduun jumlaan ajjeefamuun namoonni hedduunis achi buutee dhabamsiifaman

Jan 3, 2024

ONM- ABO Amajjii 3, 2024

Oolmaan uummata Oromoo fi qeerroo bilisummaa Oromoo dhiigaaf lafee isaanii itti dhagalaasanii koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayerattiitti ol baasan har’a galata dhabuun qeerroon bilisummaa Oromoos ajjeefamaa fi jumlaan mana hidhaatti guuramaa akkasuma qe’een uummata Oromoo ibiddaan gubachuun yeroo ammaa uummanni kuma hedduutti  lakkaa’aman jiruu bakkeef saaxilamanii argamaa jiru.

Sirni namoota nagaa irratti maqaa deggartoota WBOti jechuun uummata nagaa irratti duula duguuggaa sanyii banee jiru kun akkuma Oromiyaa bakkeewwan hedduutti kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessatti Muddee 31- hanga Amajjii 1 guyyaa dheengaddaatti walitti fufiinsaan gandoota kana keessatti namoota hedduu ajjeesuun gariin ammoo achi buutee dhabamsisuu jiraattotni dubbatu.

Shifarraa Raggaasaa umurii 28, Fiqaaduu Daadhii umurii 29, Girmaa Daadhii umurii 16 fi Shawaa Shifarraa umrii 27 kanneen jedhaman guyyaa lama gidduutti haala sukkanneessan qe’ee isaanii keessatti kan ajjeefaman ta’u jiraattota fi maddeen irra Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa qulqulleeffateera.

Mogosuu Kabbadaa, Kabbaboo Raggaasaa, Fiqaaduu shantamee, Darrabaa Mangistuu, Burquu Boshee fi  Shifarraa Taddasaa kanneen jedhaman namoota gandicha keessaa namoota 35 waliin achi buutee dhabamsiifamaniidhas jedhan.

Namoota 35 achi buutee dhabamsiifaman keessa manguddoonni daa’imman keessatti argamu jechuun, waqtii itti qonnaan bultootni oomisha ooyiruu irraa sassabatanitti gocha jibbisiisaa kana irratti raawwachuun sabicha beelaan rukutuuf waan itti karoorfameedhas jedhu jiraattotni gandichaa.

Leave a Reply