ONM- ABO Muddee 3, 2024
Duulli duguuggaa sanyii murna bilxiginnaan Oromoo irratti banamee jiru jabaatee itti fufuun ilmi nama ba’ee gala wallaaluun hidhattoota sirnichi hawaasa nagaatti bobbaaseen dhiigni namootaa akka bishaanii dhangala’aa oola.
Ajjeechaan irraa deddeebiin godina kibba lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti raawwatamaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa dhufuun gaafa Muddee 31, 2023 ganda Armuufoo soolee keessatti dargaggoo shan obboleewwan lama keessatti kan argaman ajjeefamuu jiraattotni himan.
Lola waraana bilisummaa Oromoon gandichatti hidhattoota murna bilxiginnaa mudateen miidhaa guddaan loltoota sirnichaarra akka ga’e jiraattotni himuun, miiruma aarii saniin dargaggoo shanan kana mana isaanii biratti rasaasa itti roobsun akka ajjeesan himu.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneen Obbolaawwaan lama Lammuu Guddataa fi Baacaa Guddataa, Dhugumaa Hadaraa, Garmuu Naggasaa fi Dhaabaa Wasanuu kanneen jedhaman yoo ta’u sababuma ollaa tokko ta’anii waliin deemaa jiraniif jecha akka ajjeefaman jiraattotni dabaluun ibsaniiru.
Aanicha keessatti dargaggoonni hedduun mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefamuun irra deddeebiin kan raawwatamaa jiru ta’uu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

