• Thu. Nov 26th, 2026

Leenjii mata duree ‘Miidiyaa Dijitaalaa Ijaarsa Seenessa Waloof’ jedhu magaalaa Baatuutti kennamaa jiruun kufaatii gama miidiyaan isaan mudate ibsuun ololaaf kallattii kennaa jiraachuun barame 

Jan 3, 2024

ONM- ABO Amajjii 3, 2024

Leenjii mata duree Miidiyaa Dijitaalaa Ijaarsa Seenessa Waloof jedhuun raayyaa miidiyaa bilxiginnaaf magaalaa Baatuutti kennamaa jiru irratti leenjii kan kennaa jiran qondaaltotni faashistii PP gama miidiyaan kufaatii keessa jiraachuu himuun, leenjifamtootni leenjii booda miidiyaa hawaasaa irratti olola hamaa Waraana Bilisummaa Oromoo irratti akka geggeessan kallattiin kennameeraafi.

Kana malees hojiiwwan bilxiginnaa akka gaariitti beeksisuu, sabboontota miidiyaa hawaasa irrattii fi lafa irratti basaasuu irratti akka hojjetan barameera.

Impaayeera kufaatii keessa jirtu akka jijjiirama agarsiisaa jirtutti ajandaa sobaa uumuun mariisisaa turan, paartiin keenyaa waan waadaa galee galmaan ga’a jechuun fakkeenya buufata doonii Berberaa Soomaaliilaand waliin waliigalan, injifannoo dippilomaasii keessoo keenyaan dhufe, dhaadannoo Badhaaadhinaa ni milka’aa fi warrii hin danda’amu jedhanii nurratti qoosan akkam danda’amu itti agarsiisne jirra jechuun leenjistootni akka yaada irratti kennan gochaa turan.

Namootni raayyaa miidiyaa kana jalatti Baatuutti leenji’aa jiran 600 yoo ta’u balbala tokkotti hanga namoota 50tti kutaa 12tti qoodamanii barachaa jiru.

Leenjii kana kan kennaa jiran Fiqaaduu Tasammaa, Biqilaa Hirrisaa fi Garramuu Hulluqaa yoo ta’e Oromia State University tti Wiixata dheengaddaa Amajjii 1 irraa hanga Amajjii 9tti akka kennamu odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply