• Wed. Nov 25th, 2026

WBOn zoonii Kibba Baha Oromiyaatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksiise

Jan 4, 2024

ONM-ABO Amajjii 4, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaa keessatti diina maqaa sakkaattaa WBOn bobbaatee uummata nagaa  hiraarsaa turte irratti tarkaanfii fudhatee injifannoon goolabee jira.

Korommiiwwan sabaa cibraan Jaal Nadhii Gammada aanaa Gadab Asaasaa ganda Hulluqqoo jedhamu keessatti kaleessa Amajjii 3/2024 waraana faashistii PP irratti tarkaafii haxxee fudhateen baruudaan macheessee rasasaan akaawuun loltoota 19 ajjessee 27 madoon adabuun sagantaa ishee fashalsee of duuba deebiiseera.

Ayyaana Amajjii  1 Guyyaa WBO sababeeffachuun imala bilisummaa milkeessuuf WBOn zoonii kibba bahaa tarkaanfii isaa jabeessee kan jiru yoo ta’u, naannicha keessatti diddaan Qeerroo Bilisummaa Oromoon waamame hojiitti akka hiikamus hawaasa dadammaqsaa akka jiru barameera.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply