ONM- ABO Amajjii 5, 2024
Oromiyaa keessatti ilmaan Keessantu waraana bilisummaa Oromooti Jedhuun maatii qabsaa’ota irratti karaa murna badii bilxiginnaa geggeefamu hanga har’atti kan hin dhaabbatin jiru,maatii miseensa WBO kan ta’aan irratti saamicha,hidhaa, manneen gubaatii fi ajjeechaan guutuu Oromiyaa keessatti irratti adeemaa jira
Bifuma kanaan kan wal qabatu godina lixa Harargee aanaa Gammachiis araddaa Waleensoo-Harabaafannoo Jedhamu keessatti Muddee 26, 2023 mana maatii miseensa WBO tokko deemuun waraanni faashistii PP ilma kee WBOtti dabaltee nu dhaansisaa jirta jechuun obbo Ibraahim Alishoo fi Fu’aad Ibraahim Alishoo qabuun hanga guyyaa har’aatti mana hidhaa gandaatti galchuun dararaa akka jiran jiraattotni dubbatu.
Haaloo ba’umsi sababa ilmaaniin ta’aa jiru yeroo ammaa qe’ee Oromoo irratti gaaga’ama guddoo adeemsisaa kan jiru yoo ta’u,maatiin heera impaayeerri Itoophiyaa barreeffatee qabuun gaaffii dhiyeessuus,fudhatama harkatti dhabsiisuun kaadirootni PP, dargaggoota umuriin isaanii 18tti ol ta’een maatii hiraarsa jiraachuun isaanii,heerri barreefamaan Impaayerrattiin qabdu, maqaan malee gochaan akka hin taane kan nama hubachiisu ta’uus jiraattotni himu.


