• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Oromiyaa aanaa Mana sibuu keessatti manni namoota nagaa loltoota PPn gubatee manca’e
 

Jan 5, 2024

ONM-ABO Amajjii 5, 2024

Uummata Oromoo dinagdee, hawaasummaa fi xiiinsammuun dadhabsiisee Utubaa qabsichaa saba baldhaa abdii kutachiisuuf tooftaalee garaa garaatti dhimma ba’aa kan jiru bilxiginnaan, golee Oromiyaa cufa keessatti qe’ee namoota nagaatti ibidda kaa’ee barbadeessuun harka duwwaatti hambisaa jira.

Gocha gara jabeenyaa kanaanis maatii hedduun baqataa ta’uun, gàriin ammoo harka namaatti kufuuf kan dirqaman yoo ta’u, Lixa Oromiyaa aanaa Mana sibuu ganda Qorkee 01 keessattis kaleessa Amajjii 4, 2023 humna waraana impaayerattii ergama badiisaa fudhatanii bobba’aaniin manneen namoota hedduu gubachuu maddeen aanichaa himaniiru.

Namootni manni isaanii jalaa gubate kunneen mi’ootni mana keessaas guutummaatti waan jalaa manca’aaniif harka duwwaatti kan hafan ta’uu kan himan maddeen, Gammachiis Jaarraa, Jeenoo Bayyanaa, Tasgaraa Barii, Margaa Konii fi Gaaromaa Sambataa warreen maqaan isaanii nu ga’eedha.

Leave a Reply