• Tue. Nov 24th, 2026

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa: Hojii Koomishinii Maree Biyyoolessa Bilxiginnaa

Jan 6, 2024

ONM-ABO Amajjii 5, 2024

ምክክር ኮሚሽን leenjii isaanii marsaa lammaffa jechuunis miseensotaa fi deggeretoota bilxiginnaa waajjiraalee aanaa fi zooniilee Wallagga arfanii, Iluu Abba Booraa fi Jimmaa keessaa filatamanii dhufaniif Jimmaatti kenneme Sanbata darbe xumurameera.
Adeemsi itti aanuu namootni leenji’anii galan kun dhaqanii qaamoolee hawaasaa hunda (dubartoota, qotee bulaa, daldalaa, qaama hir’uu, abbootii qabeenyaa fi kkf ) aanaa tokko keessaa namoota 20 filchiisu.

Namootni filataman kuni immoo yeroo dhiyootti magaalaa Adaamaatti walga’anii mata duree ykn ajandaa akka Oromiyaatti marii kan ምክክር ኮሚሽን sanaaf ta’u bocu. Sana booda namoota ajandaalee bocaman sana qabatanii ሃገራዊ ሰላምና ምክክር ኮሚሽን irratti argaman aanaa tokkorraa nama 2 bakka buusanii galu.

Namootni bakka buufaman kun yeroo waamamanitti ajandaa sana qabatanii namoota akka isaanii naannoolee hunda irraa dhufanii waliin mariitti dhiyaatu jechuun sagantaa goyomsaa qabatanii jiru.

Kaayyoon ሃገራዊ ሰላምና ምክክር ኮሚሽን kanaa ololli WBO irratti biyya keessatti hojjetame waan milkaa’uu dadhabeef maree sanaa miidiyaalee addunyaaf dhiyeessuun uummatni Oromoos ta’e kan biroo nagaa akka barbaadaniif bilxiginnaanis nagaa buusuuf hojjechaa akka jiru, garuu ABO-WBO fi mormitootni biroos nagaa akka didan addunyaatti labsuuf akka ta’e namni namni maqaan isaa akka hin dhaa’amne barbaadu, hojii kana keessa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Torbeedhuma darbe keessa Kamisaa jalqabanii guyyaa sadiif miseensota isaanii bakka hundaatti leenjii kenna turan. Dhuma leenjii kanarratti “impaayerattiin nu harkaa baatee jirti, finxaleyyiin dhuunfataa jiru nuti Finfinnee qofa ofharkaa qabna” yoo tokkummaadhaan jabaannee hojjechuudhaa baanne biyyi kun diigamuuf deemti aangoon bilxiginnaa harkaa ba’uuf jedha jechuun yaaddoo ibsataa turan. Kanaaf hanga dandeessanitti kudhaniinis digdamaniis wal ijaaraa kottaa, meeshaa isiniif kennina jabaadha jechuun itti boo’aa turuu maddi odeessa keenyaa kun ibseera.

Leave a Reply