ONM-ABO Amajjii 6, 2024
Kaleessa halkan magaalaa guddoo Baanglaadeesh Daakaatti baaburri imaltootaa ibiddaan gubachuun yoo xiqqaate namoonni afur du’an.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne baabura imaltootaa Benapole Express jedhamu akka sa’a biyyattiitti sa’a 9:05 irratti naannoo magaalaa guddoo Gopibayi jedhamutti kan itti qabsiisan yoo ta’u, ibiddi kun sa’a 10:20 to’annoo jala ooleera.
Itti aanaan komishinara poolisii magaalaa guddittii Daakaa Iqibal Hoseen gaazexeessitootaaf akka himanitti, eenyummaan namoota afran du’anii hatattamaan beekamuu akka hin dandeenye himaniiru.
Kutaaleen ibidda dhaamsan torba bakka sanatti fiiguun ibidda dhaamsuu isaaniis dabaluun dubbataniiru jechuun Jiinuwaan gabaaseera.
Akka Sky news jedhutti gochi kun itti yaadamee filannoo paarlaamaa bor geggeeffamu dursee ta’uu ibseera.






